Fri. Sep 22nd, 2023

Click gochuun Google News irratti Nu hordofaa

Kolleejjiin Barnoota Barsiisoota Roobee bajeta Mootummaan Naannoo Oromiyaa ramadeen birrii miliyoona 100fi miliyoona 40 n ijaarsa pirojektii dabal’isuu sadarkaa isaa eeggate xumuramuun haala baruuf barsiisuutiif qophaahuusaanii beeksise.

Kolleejjichi bara hundeeffama isaarraa kaasee hanqinnaa barsiisootaa akka biyyattiiti mul’atu furuuf hojii hojjataa jiruun hanga ammaatti barsiisota kuma 38 ol eebbisiisuun biyyaaf bu’aa guddaa gumaacheera.

Kolleejjichi yeroo ammaa Kanas hojii qulqullina barnootaa mirkaneessuuf carraaqqii taasisaa jiruun hojii babal’insa ijaarsa Pirojektii sadarkaa isaa eeggate bara 2008 irraa eegalee hojjachiisaa ture xumursisee haala baruuf barsiisuutiif qopheessuussaas beeksiseera.

Itti Aanaan Diinii kolleejjichaa obbo Tashoomaa Mul’isaa ijaarsii gamoolee babal’isuu amma hojjatame kunniin Bajata Biiroon Barnootaa Oromiyaa ramade birrii miliyoona 100fi miliyoona 40 n hojjatamuusaanii ibsuun pirojektiin kunis kutaalee barnootaa,Mana Kitaabaa,Giddugala laabraatoorii,Iddoo ciisicha barattootaafi kutaalee nyaataa barattootaa ,fi gamoolee tajaajila garagaraatiif oolan kan haammate ta’uus himan.

Diiniin Kolleejjichaa obbo Bashiir Muktaar xiyyeeffannaa mootummaan barnootaaf kenneen gamoowwan kunniin hojjatamuun hudhaalee kanaan dura barattootni shamaranii kolleejjiin ala kireeffatanii galuun irra gahaa turan hambisuurrattii fi barattooni qaalahiinsa jireenyaa yeroo ammaa kanaaf akka hinsaaxilamneef kan godhuudha jedhan.

Barattooni kolleejjicha keessa galanii barachuun rakkoo tokko malee barumsa isaaniirratti xiyyeeffatanii ,gareedhaan akka qo’ataniif ijaarsi haaraa kun shoora guddaa gumaacha kan jedhan obbo Bashiir bara kanarraa eegalee kolleejjichi sadarkaa diiploomaarraa gara digriitti ol guddisuun Sirna Barnootaa kennuuf kan qophaahe ta’uus ibsaniiru.

Barsiisonni kolleejjichaa Yaada kennaniin Gamoon Barnootaa sadarkaa isaa eeggate ijaaramuun isaa,haala Baruuf Barsiisuu mijaataa tahe uumuun qulqullina Barnootaa mirkaneessuuf Gumaacha olaanaa qaba jedhaniiru.

Barattoonni kolleejjichaa gama isaaniitiin ijaaramuun pirojektii kanaa rakkoolee duraan mana kiraa galuun nurra gahaa ture nuu furuun barnoota keenya xiyyeeffannaan akka barannuuf nuqarqaara jedhaniiru.

OBN

Nu hordofaa:

Telegram: https://t.me/ethiopianstoday

Facebook: https://www.facebook.com/ethiopianstoday

Twitter: https://twitter.com/ethiopianstoday

Instagram: https://www.instagram.com/ethiopianstoday1

Pinterest: https://www.pinterest.com/ethiopianstoday

YouTube: https://www.youtube.com/channel/UCIrX01_lArhwsjDrt6dl5-w

 

Leave a Reply