Click gochuun Google News irratti Nu hordofaa
Haqa: ‘Itoophiyaatti nama hidhuun daldala taatee?’
Erga labsiin yeroo muddamaa hojiirra oolee kaasee bakkeewwan tokko tokkootti qaamoolee nageenyaatiin rakkooleen naamusaa jiraachu komiin hawaasa irraa kan ka’u yoo ta’u, mootummaa fi dhaabileen mirga namoomaas rakkinni kun jiraachu ni amanu.
Qaamooleen nageenyaa yeroo labsii muddamaa keessa namoota labsiichi hin ilaalannee to’annoo jala erga oolchaniin booda gadhiisuudhaaf maallaqa akka gaafatan namni firri jalaa hidhame tokko BBC’tti himeera.
Jiraataan Adaamaa nageenya firra isaatiif jecha maqaansaa akka hin dhahamne kan gaafate kun, namoonni halloo dhuunfaatiin akka hidhamaniifi gadhiifamuuf ammoo maallaqa akka gaafataman dubbata.
Komii kana ilaalchisee BBC’n Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaatti, Komishinara Mirgoota Siiviliifi Siyaasaa kan ta’an Dr Abdii Jibriil’f gaaffii dhiyeesseen, komiin hawaasni kaasu kun dhugaa ta’u himan.
Erga labsiin yeroo muddamaa labsame booda maallaqa argachuuf jecha nama hidhu, komiin jedhuuf Dr Abdiin akkas jedhan: ”Kun odeeffannoodhuma jiru. Waanuma motummaan illee amane.”
Itti dabaluunis Dr Abdiin rakkoon hawaasa keessaa dhagahamu kun sadarkaa olaanaa hanga Ministirri Mummeetti waan quba qabaatan ta’u kaasu.
”Namoonni labsii yeroo muddamaa isaan hin ilaallanneefi walitti dhufeenya hin qabne akka hidhaman, kun ammoo qaamni nageenya eegsiisu naamusa dhaburraan kan ka’e ta’u sadarkaa motummaa olaanaatti kan amanameedha,” jedhan Dr Abdiin.
MM Itoophiyaa Abiy Ahimad jalqaba baatii Amajjii irratti dhimma haqa biyyatti ilaalchisuun dubbataniitti, namoonni seeraan ala qabeenya isaaniif jecha maqaa labsii yeroo muddamaan hidhamaa akka jiraniifi rakkoon naamusaa akka mul’atu dubbataniiru.
MM Abiy yeroo raawwii hojii waajiraalee ministeera federaalaa guyyoota 100 gamagamaniitti, ”Haaloon dhunfaafi hojiin dhaabbataa garaa garaa. Dhaabbilee haqaa keenya maallaqaan yoo hin mo’amne, haaloo dhunfaatiin ni mo’amu,” jechuun adeemsa haqaa keessatti rakkoon jiraachu kaasanii ture.
Murtiin hidhamtoota hiikuu ‘dhugaa osoo hadhaa’uu liqimsinedha’ – MM Abiy Ahimad
KMNI namoonni labsii muddamaan walqabate hidhaman akka gadhiifaman gaafate
Gaazexessaan OBN ji’a tokkoo oliif hidhame ‘mana murti dhihaatee hin beeku’ – Maatii
Itti dabaluunis, ”abbaan seeraa tokko dhiigaan ykn wal beekumsaan kan yaadu yoo ta’e, maallaqa fudhatuus dhiisuuf malaamaltummaa raawwateera,” jedha mm.
Fakkeenyaa yoo kaasanis, ”Dhalattooota Tigraay dhukkubsattoota shukaaraa ykn maanguddoo waggaa 70 fi 80 mana hidhaatti guuruun biyyarra rakkoon akka hin geenyeef yaadame hin turre. Sooreessa sooreessa adamsanii hidhuun hanna. Kun bu’aa hin qabaatu” jechuunsaanii ni yaadatama.
MM Abiy sirna haqaa keessaa hannaafi loogiin bal’inaan kan keessatti mul’atu ta’u kaasuun akka irratti hojjatamu cimsanii dubbatanii turan.
Jiraataan Adaamaa BBCn dubbisees yaaduma MM dubbatan Kanaan kan walfakkaatu isani mudachu himan.
Namni kun yeroo mana hidhaatti deddeebii’uun firsaa gaafataa tureetti kan taajjaban yoo ibsan, ”amma dhalli namaa daldala tahuun hubadhe. Haallisaas bizinasii waan ta’e fakkaata. [Sababii garaa garaatiin namaan yoo wal mufatte] haaloo bahuuf callisanii si hidhu. Si baasuuf ammoo maallaqa kaffaluu qabda,” jedhan.
Firrisaa maallaqa kanfalu osoo qabaatee akkaa bahu danda’u itti himamuu kan dubbate jiraataan kun, namni tokko bhidhaa bahuudhaaf hanga Birri kuma 50- kuma 60 akka gaafatamu kaaseera.
MM Abiy Ahimad rakkoo bal’aan sirna haqaa biyyattii keessa jiru wayita ibsa, haqa mirkaneessuuf hojii baayyeen akka hafu cimsuun dubbatanii ture. Yeroo labsii muddamaa kana keessa namoonni isaan hin ilaalannee hidhamu kan kaasan MM Abiy, poolisiin, abbaan alangaafi manni murti qulqulaa’u akka qabaatan akeekkanii ture.
Jiraataan Amaadaa kunis haala isaan mudate yoo himan, ”waajjirri poolisii abbaa kanaa si jedhu hin jiru. Labsiin yeroo muddamaa akka malee mirga guddaa warra poolisiif waan kenneef abbaa barbaadan hidhu. Birrii yoo kaffalte ammoo ni baata,” jedhan.
Manni Maree Ministeerota Itoophiyaa walgahii ariifachiisaa Amajjii 26, 2022 taa’een labsiin yeroo muddamaa ji’a jahaaf labsamee hojiirra jiru yeroo isaa dursee akka ka’uuf marii gaggeessuun murtee dabarsuun saa ni yaadatama.
Akkasumas namoota yeroo labsii muddamaa keessa hidhaman dabalatee, motummaan namoota siyaasaa hanga tokko gadhiiseera.
Nu hordofaa:
Telegram: https://t.me/ethiopianstoday
Facebook: https://www.facebook.com/ethiopianstoday
Twitter: https://twitter.com/ethiopianstoday
Instagram: https://www.instagram.com/ethiopianstoday1
Pinterest: https://www.pinterest.com/ethiopianstoday
YouTube: https://www.youtube.com/channel/UCIrX01_lArhwsjDrt6dl5-w