Thu. Sep 21st, 2023

Click gochuun Google News irratti Nu hordofaa

“Kenniinsi tajaajila Mootumma hundi fayyadamummaa uumataatiin madaalamuu qaba” Obbo Awwaluu Abdii

Pirezidaantii Itti Aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii waltajjii qoranoo raawwii hojii baatii ja’an darbanii Biiroon Abbaa Alangaa Walii Galaa Oromiyaa qopheesse irratti argamuun haasaa taasisaniin kenniinsi tajaajilaa fayyadamummaa uummataan safarama jedhan.

Pirezidaantii Itti Aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluun haasaa taasisaniin Abootiin Alangaa sadarkaa sadarkaan jiran rakkoolee hammaatoo keessa taa’nii hojiilee gaggarii hojjechaa turaniif galateeffatanii ammas hojiin dachaa waan isin irra jiruuf cimtanii qulqulluummaadhaan amaanaa mootummaafi uumanni isinitti kennate ba’uu qabdu jedhan.

Abbootiin Alangaa bu’aa qabsoo uummata Oromoo ta’uu keessan hubatanii akkuma mootummaan haqaaf xiyyeeffannoo guddaa kennee hojjechaa jiru isinis tajaajila haqaa kennitan mara bifa walaba ta’een qulqullummaafi ija fayyadamummaa uummataa mirkaneessuutiin hubattanii kan kanaan duraa caalaatti fakkeenya taatanii hojjechuu qabdu jechuun dhaamaniiru.

Oromia Communication Bureau

Nu hordofaa:

Telegram: https://t.me/ethiopianstoday

Facebook: https://www.facebook.com/ethiopianstoday

Twitter: https://twitter.com/ethiopianstoday

Instagram: https://www.instagram.com/ethiopianstoday1

Pinterest: https://www.pinterest.com/ethiopianstoday

YouTube: https://www.youtube.com/channel/UCIrX01_lArhwsjDrt6dl5-w

 

Leave a Reply