Sat. Sep 23rd, 2023

Click gochuun Google News irratti Nu hordofaa

Jilli Ministira Maallaqaa Obbo Ahimad Shiideetiin durfamu Hoggantoota Saawudii Arabiyaa waliin mari’ate.


Jilli Itiyoophiyaa Ministira Maallaqaa Obbo Ahimad Shiideetiin durfamu Hogganaa Olaanaa Giddu gala deeggarsa namoomaa Mootii Siliimaan Dr. Abdulaahii Alraabiih waliin dhimmoota gargaarsaa fi qabiinsa mirga namoomaa waloo irratti mari’ateera.


Dabalatanis jilli kun Hojii Gaggeessaa Fandii misooma Saawudii , Obbo Sulxaan Almaarishaad waliin wal arguun mari’ateeera.


Marii kanaanis sagantaalee misoomaa fi pirojeektoota deeggarsa fandicha irraa argameen Itiyoophiyaa keessatti hojjetamaa jiran sadarkaa isaanii irra jiran qoratameera.
Ministirri Maallaqaa, Obbo Ahimad Shiidee deeggarsa maallaqaa Fandii misooma Saawudii irraa argameen hojiilee misoomaa Itiyoophiyaa keessatti hojjetamaa jiran guddina itti fufiinsa qabu fiduuf tattaafii godhamu keessatti gumaacha olaanaa bahaa jira jedhan.


Deeggarsa namoomaa fi misoomaa Mootummaan Saawudii Arabiyaa gochaa jiruufis galateeffataniiru.

OBN

Nu hordofaa:

Telegram: https://t.me/ethiopianstoday

Facebook: https://www.facebook.com/ethiopianstoday

Twitter: https://twitter.com/ethiopianstoday

Instagram: https://www.instagram.com/ethiopianstoday1

Pinterest: https://www.pinterest.com/ethiopianstoday

YouTube: https://www.youtube.com/channel/UCIrX01_lArhwsjDrt6dl5-w

 

By Admin

Leave a Reply