Click gochuun Google News irratti Nu hordofaa
Bishaan lafa jalaa misoomsanii faaayidaaf oolchuun nagaa fi tasgabbii Qaxanaa Baha Afrikaa keessatti mirkaneessuuf gahee olaanoo qaba jedhan, Barreessaan Olaanaa IGAD Dr. Warqinaa Gabayyoo.
Dr, Warqinaa Gabayyoo waligahii Dhimma Bishaanii IGAD 2ffaa Biyya Ugaandaa Magaalaa Inteebeetti taa’amaa jiru irratti akka jedhanitti, Qaxanaa Baha Afrikaa hongeen irra deddeebiin muudachaa jiru dandamachiisuuf misooma waloo hojjechuun barbaachiisaadha jedhan.
Rakkoon hongee irra deddeebiin uummamaa jiru kunis walitti bu’iinsa hawaasaaf sababa ta’aa waan jiruuf rakkoo kana waaraan furuuf bishaan lafa jalaa misoomuu irratti xiyyeeffachuun hojjechuu qabna jedhan.
Hojiin kunis lammiilee fayyadamtoota taasiisuun alaatti walitti dhufeenya qaxanichaa caalaatti cimsuuf gahee guddaa akka qabu himan.
Hojii kana milkeessuuf immoo imaammanni waloo misooma bishaanii bocamee hojiirra ooluu qaba jedhaniiru.
OBN
Nu hordofaa:
Telegram: https://t.me/ethiopianstoday
Facebook: https://www.facebook.com/ethiopianstoday
Twitter: https://twitter.com/ethiopianstoday
Instagram: https://www.instagram.com/ethiopianstoday1
Pinterest: https://www.pinterest.com/ethiopianstoday
YouTube: https://www.youtube.com/channel/UCIrX01_lArhwsjDrt6dl5-w