Sun. Sep 24th, 2023

Click gochuun Google News irratti Nu hordofaa

Inistiitiyuutii Qorannoofi Qo’annoo Oromoo Afaan Oromoo qajeelchuuf aangeffame

@KallachaGaazexaa


Inistitiyuutiin Qorannoofi Qo’annoo Oromoo rakkoolee Afaan Oromoo sirnaafi bifa waalta’aa ta’een barreessuu furuu dabalatee, guddinaafi dagaagina afaanichaarratti xiyyeeffannoo addaa kennee akka hojjetu ibse.

Erga hundeeffamee baatii sadii kan ta’e Inistiityuutichi, aangoo dhimmoota Afaan, Aadaa, Aartiifi Seenaa Oromoo akka qajeelchuuf labsiin kennameefiin hordofee caasaasaa akka hojiif tolutti diriirfachaa akka ture Inistiitiyutichatti Dursituun Garee Qormaata Galmee Jechootaa kaadhimamtuu PhD Mitikkee Bitawulliny himaniiru.

Koree Waaltina Afaan Oromoo kanaan dura Biiroo Aadaafi Turiizimii Oromiyaa jalatti hundeeffamee waggoota 20 oliif Afaan Oromoo waaltessuurratti hojjechaa ture bifa haaraan Inistiitiyuutii kana jalatti akka haaraatti ijaaramee hojiitti akka jirus dubbaaniiru.

Inistiitiyuutichi gara Giddugalaa Aadaa Oromootti erga darbee booda gareen afaan waalteessu qophaatti of danda’ee, gareen dhimma Afaan Oromoorratti qoratu bakkawwan afuritti qoodamee caasaa mataasaa bocatee hojjetaa jiraachuus ibsan.

Gareewwan Qorannoo Afaan Oromoo afran kunneenis: Garee Afoolaafi Ogbarruu, Qorannoo Galmee Jechootaa, Qorannoo Caasluuga Afaan Oromoofi Garee Qormaata Waaltinaafi Moggaasa Jechootaati jedhan.

Garee dhimmoota Afaan Oromoo gara garaa qoratan akkaa barbaachisummaa isaatiin caaseessinee hayyootas irratti ramaduudhaan dhimma Afaan Oromoorratti hojjetamaa jiraachuu himan.

Afaan Oromoo afaan barnootaa, miidiyaa, qorannoofi saayinsii erga ta’ee dagaagaa dhufus, rakkooleen afaanicha keessatti mul’atan, keessattii barreeffama irratti addatti mudatan qajeelchuuf wiirtuun tokko ni barbaachisa jechuun beektonni gaafachaa turaniiru.

Barbaachisummaa qaama Afaan Oromoo to’atu kana hubachuudhaan, dhaabbileen barnoota olaanoo tattaaffii taasisan keessaa tokko Yunvarsiitii Wallaggaati.

Yunivarssitichi akaadaamiin afaanii akka hundeeffamuuf kora waggaa lama dura qopheessee tureen qorannoo bu’uuraa dhiyeessee irratti mariyachiisaa tureera.

Rakkoofi dogoggora hawaasa keessa jiru qaamni gaafatuufi sirreessuufi aangoo qabu hin turre kan jedhan dursutuun garee tun, amma garuu labsiin aangoon inistitiityuutichaaf kennamuu dubbatan.

Dura Akaadaamiin Afaan Oromoo yaa dhaabbatu jedhamaa akka ture yaadachuun, amma garuu akaadamii sanarraa gara inistiitiyuutitti dhufee ijaaramee jira jedhan.

Kanaaf, Inistitiyuutiin Qorannoofi Qo’annoo Oromoo amma hundaa’ee hojiitti jiru kun Afaan Oromoo dabalatee, aartiifi seenaa keessatti waan jal’ate qorannoofi karaa saayinsaawaa ta’een akka qajeelchuufis jedhan.

Gareewwan inistiitituutiin kun gurmeesses qorannoo qorachuun bu’aa qorannoo isaanii karaa barruulee Wiirtuufi bifa kitaabaatiin maxxanfamuudhaan ummata bira akka gahan eeruun, miidiyaafi ogeessonni sirna barnootaa, akkasumas dhaabbileen barnoota ol-aanoos kana keessatti qooda guddaa qabaachuu eeru Aadde Mitikkeen.

Bu’aawwan qorannoo hawaasa biraan ga’uuf karaan ittiin qaamolee dhimmi isaan ilaallatu hirmachisan biroon kora Afaan Oromoo qopheessuudhas jedhan.

Kora qopheessaniin namoonni dhimmicharratti gadi fageenyaan hojjetan waan jiraniif, dhimma waaltinaa waliin walqabsiisee, “akkamiin hojiirra oola, maaltu danqee jira, maaliif fudhatamuu dida, ummanni maaliif rincica kan jedhurrattillee qorannoo adda addaa yunvarsiitii adda addaa hirmaachifnee hojjechiisaa turre,” jechuun himan.

Afaan Oromoo akkuma afaan kamiiyyu amala mataa isaa waan qabuuf, seera barreeffamaas kan mataa isaa ta’e ni qaba. Koreen Inistiitiyuutii Qorannoofi Qo’annoo Oromoo xiyyeeffannoo addaa itti kennee kan hojjetu keessaa tokko dhimma barreeffama Afaan Oromooti jedhu.

“Kana irratti fakkeenyaaf, maxxantuuwwan akka ‘fi’, ‘-dha’, kkf kan itti butee barreessu jira; kan irraa butee barreessus jira. Kana malees, akkaataa fayyadama jechoota ilaalchisee koreen kun kan qoratee dhiyeesse ni qaba garuu fudhachuurratti hawaasa keessa rincicuu ykn dhibaa’uutui jira.”jedhan.

Aadde Mitikkeen dhimmi Oromoo bal’aa waan ta’eef, qaamoleefi yunvarsiitiiwwan adda adda hanga biyya alaatti jiran waliin hojjechuufillee fedhiifi kaka’umsa qabaachuu himan. Kanaaf kan ta’u ammoo caasaa jiruun hariiroo tolfachaa jirra jedhan.

“Kanaaf, gara fuula duraatti egeree afaan, aadaafi seenaa Oromootiif waantota guddaatu nurraa eegama.

Kanaafus irratti hojjechaa jirra” jechuusaanii ‘BBC’tu gabaase.

Nu hordofaa:

Telegram: https://t.me/ethiopianstoday

Facebook: https://www.facebook.com/ethiopianstoday

Twitter: https://twitter.com/ethiopianstoday

Instagram: https://www.instagram.com/ethiopianstoday1

Pinterest: https://www.pinterest.com/ethiopianstoday

YouTube: https://www.youtube.com/channel/UCIrX01_lArhwsjDrt6dl5-w

 

Leave a Reply