Sun. Sep 24th, 2023

Turkimenistaan: Balballi jaannamaa’ akka cufamu Pirezidant Gurbanguliin ajajan

Click gochuun Google News irratti Nu hordofaa

Pirezidantiin Turkimenistaan Gurbangulii Berdimukamedov ‘balbala jannamaa ykn Si’ool’ akka cufamu ajaja dabarsan.

‘Balballi Si’ool’ jedhamuun beekamu ibidda waggoota kurna hedduutti lakkaa’amuuf boolla gaazii boba’aa gammoojjii keessaa boba’udha.

Aab Gurbangulii Berdimukamedov ibiddi sun akka dhaamu kan barbaadan dhiibbaa inni naannoo fi fayyaa irratti uumurraa ka’uun, akkasumas al-ergii gaazii boba’aa olguddisuufi jedhameera.

Akkaataa boolli Darvazaa jedhamuu gammoojjii Karakum keessatti argamu uumame garuu iccitiidha, ifatti waanti beekamu hin jiru.

Namoonni hedduun garuu boolli sun bara 1971 wayita Soviyeet gaazii barbaaddu dogoggoraa uumameen irraa uumamuu hin oolle jedhanii amanu.

Haata’u malee abuuraan lammiin Kanaadaa Joorji Kuruniis jedhamu bara 2013 gadi fageenyaa boolla ‘balbala Si’ool’ jedhamee waamamu kanaa qorateera.

Akkaata ibiddi kun itti eegale garuu namni kamuu akka hin beekne mirkaneesse.

Akka ji’oolojistoonni Turkimenistaan jedhanitti, boolli guddaan sun bara 1960 keessa uumame, booda bara 1980 keessa boba’uu eegale.

Boolla kana turistoonni biyyatti keessaa iddoo hunda caalaa daawwachuu jaalatu.

‘’Leecalloo gati-jabeessaa bu’aa guddaa irraa argachuu dandeenyu fi jiruu hawaasa keenyaa ittiin fooyyeessuu dandeenyu dhabaa jirra,’’ jedhan pirezidantiin Turkimenistaan TV biyyattirratti wayita dubbatan.

Pirezidantichi qondaaltonni biyyattii ”mala ibiddi boollaa sun ittiin dhaamu akka barbaadan” ajaja dabarsaniiru.

Ibidda sana dhaamsuuf yaaliin yeroo hedduu taasifameera.

Bara 2010 Aab Gurbaangulii Berdimukamedov ogeeyyiin akkaata ibiddii boolla keessaa boba’u kun dhaamu danda’u fala akka barbaadan ajajanii turan.

Bara 2018 pirezidantiin biyyattii boolla boba’u kana gara ‘ifa Karaakum’ jedhutti geeddarani.

Maddi: BBC dha

Nu hordofaa:

Telegram: https://t.me/ethiopianstoday

Facebook: https://www.facebook.com/ethiopianstoday

Twitter: https://twitter.com/ethiopianstoday

Instagram: https://www.instagram.com/ethiopianstoday1

Pinterest: https://www.pinterest.com/ethiopianstoday

YouTube: https://www.youtube.com/channel/UCIrX01_lArhwsjDrt6dl5-w

 

By Admin

Leave a Reply